Dorgommii Diyaamand Ligii Morookoo geggeessame irratti Atleetiin Itiyoophiyaa Madiinaa Isaa meetira 5000 ka dubartootaatiin injifannoo kan argatte yoo ta'u, Atleet Lamecha Girmaan meetira 1500 dhiiraan 4ffaa, Geetinet Wale ammoo dorgommii meetira 3000n guffachisaattin 2ffaa baheera. Dorgommii USATF LA Grand Prix irrattis Atileet Diribee Waltajji meetira 1500 ka dubartootaatiin kan injifatte yoo tahu goonfattu, Freweyni Hailu ammoo 2ffaa baateetti. Gama biraatiin dorgommii Kubbaa miilaatiin Manchistar Siitiin waancaa EPL 4ffaa walitti aansuun kan injifate yoo ta'u, Arsenaal ammoo sadarkaa 2ffaa ta’uun Xumureera jira. Eebbisaa Nagasaa dabalata qaba.