Gurmaa'ina godinaalee naannoo Oromiyaa duraanii keessatti godina Gujii jala kan turte gurmaa'insa ammaatin ammoo godina Booranaa Bahaa jalatti kan waamamntu aanaa Gooroo Doolaa keessatti Caamsaa 14 bara 2016 mormiin barattootaa dhohee barattootni 12 hidhaaman, jechuun barattoonni sagalee Ameerikaaf yaada kennan himaniiru.
Akka barattoonni kun ibsanitti sababa mormii caaseffama haaratin waggaa tokkoo oliif aanaa Gooroo dolaattii Baruu fi barsiisuun addaan Citee ture jechuun kan ibsan amma immoo qormaata moodelli kan ministiri kutaa 8 fi 6 qoramuuf dirqamuun mormii dhaggeessisuu ibsaniiru. Hidhamuu barattootaa fi mormii baraatoota ilaalchisuun waajjira barnootaa aanaa Gooroo Doolaa wajjira barnootaa godina Booranaa bahaa,bulchiinsa godina boorana bahaa,bulchinsa aanaa gooroo doolaa fi biiroo barnoota Oromiyaa deebii argachuuf yaaliin taasise har'aaf hin milkoofne
Gooroo Doolaa Keessatti Mormiin Barattootaan Walqabatee Barattootni 12 Hidhaamuun, Barattoonni Dubbatan
Your browser doesn’t support HTML5