Walitti-bu’insi Itiyoophiyaa Keessaaa Tajaajilawwan Fayyaa Danquu Koreen Fannoo Diimaa Addunyaa Beeksise

  • VOA

FAAYILII - Konkolaattota Koree Fannoo Diimaa, Maqalee, Waxabajjii 24, 2021.

Walitibu’insii Ityoophiyaa keessatti bakka adda addaatti adeemaa jiru, keesumaa, baadiyaalee biyyaatti keessatti tajaajilaawwan fayyaa gar malee daanquu isaa Koreen Fannoo Diimaa adduunyaa ibsa har’a baaseen beeksisee jira. Naannoo Amaaraa keessatti lolli ji’a Hagayyaa bara 2023 kaasee adeemaa jiru, tajaajila eegumsa fayyaa kan jeeqe yoo ta’u, yaaliin qorichaa fi meeshaalee fayyaa dhiyeessuuf taasifamu rakkisaa akka taasise ibsii koree fannoo diimaa kun ibseera.

Ityoophiyaatti dubbii himaa dhaabatichaa kan ta’a Roobiin waaduu dhimma kan irratti ibsa kennaniin, gargaarsaa fayya namoottan isaan barbaachisuun gahuudhaaf gareewwan hidhatootaa nannoo Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keesaa jiranuu wajjin , akkasumas waraana mootummaa wajjin dubbachaa jiraachuu isaanii beeksisaniiru. Walqunaamtii fi marii Icitiidhaan qabamee jiru kana irratti gareewwan hundii akka seeraa namoomaa idilee adduunyaa akka kabajan, hojjatoota gargaarsaa namoomaatiif akka haala mijeessan dubbatamuu isaa ibsii koree fannoo diimaa kun eeree jira.

Dhimma kan irraatti gabaastonii sagalee Amerikaa ibsa dabalataa argachuudhaaf Hojjachaa akka jiran gabaasaan sagalee Amerikaa Iskindir Fireewu Finfinnee irraa ibseera.