Lammiileen Afiriikaa Kibbaa Erga Sirna Appaartaayidiin As Filannoo Baay’ee Barbaachisaadha Jedhameef  Kaleessa Sagalee  Kennaa Oolan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Lammiileen Afiriikaa Kibba Roobii kaleessaa manneen barnootaa, wiirtuuwwan hawwasaa fi dunkaanoota adii gurguddaa bakkeewwan banaa keessa dhaabbatan keessatti Sagalee isaanii kennaa oolaniiru. Biyyattii keessatti erga sirni Appaartaayidii kufee waggootan 30 booda biyya isaaniif filannoo isa guddaas jedhameera. Kunis dimmokiraasii biyyattii keessatti yeroo dargaggummaarra jiru gara daangaa hin beekmaneetti geessa jedhamees eeggama.

Afiriikaa kibbaa sirna Appaartaayiidii gara jabeessa sirna bittaa warra adii lakkoofsaan xiqqoo ta’an jalaa ba’uun, bara 1994 irraa kaasee waggoota kurna Sadiif paartiin Kongireesii biyyaaleessa Afirikaa olaantummaan bulchaa tureeru dhiibbaa jala galeera.

Pireezidaant Siriil Ramaafoosaa erga sagalee kennaniin booda paartiin isaanii ANC’n caalmaa guddaadhaan akka moo’atu homaa waan gaaffii keessa galu miti jechuun yommuu dubbatan, hoogganaa paartii mormituu isa cimaadha jedhamuu kan ta’an Joon Istiinhuseen immoo gama isaaniin waggoota 30 booda yeroo jalqabaaf injifannoon mormitootaaf dhufeera jedhan.