Dhiibeen tasgabbii naannoo gaalaan diimaa BUNA gara gaabaa adunyaatti erguu irratti dhiibbaa guddaa uumuus, waajjirri isanii fala adda addaa fayyadamuun buna hedduminaan ergaa jiraachuu isa Dr. Adunyaa Dabalaa daarikteriin abba taayita Bunaaf Shaayee Itoophiyaa ibsaniiru.
Waldaa omishtoota bunaa Oromia kan hogganaan Obbo Dajanee Daadhii immoo rakkoon kun buna erguudhaf yeroo dheeraa akka fudhatu gochu isaa fi sababaa sanaan immoo gatiin Bunaa akka dabalu dirqiisiisu isaa eran.
Aangowwan laamaan rakkoon kun dhiibbaa haa qabaatu malee dhiheessfi gurgurtaan bunaa baranaa dabaleeraa jedhan.
Nigusu Taamireetu harkaa qaba gabaasa kana. Dr. Adduunyaan haalii sadarkaa daldala bunaa yeroo kan jiru maal akka fakkaati ibsuudhaan jalqabu.