Muummichi Ministeraa Hindii Sagalee Irra-jireessa Hamma Tokkoo Injifatanis Deggersi Uummata Biraa Qaban Gad-bu’ee Jira

  • VOA

Muummichi ministeeraa Hindii Naareendiraa Moodiin guyyaa bu’aa hojii Ministira Ittisaa Raajnaat Siing waliin waajjira muummee paartii Bharatiya Janta Party, New Delhi, India keessatti, Kibxata, June 4, 2024.

Gamtaan muummicha ministeera Hindii Naareendiraa Moodiin durfamu paarlaamaa biyyattii keessatti sagalee caalmaa xiqqaa argateera, garuu qormaanni cimaan mormitoota irraa dhufe lakkoofsa paartii isaanii haalaan hir’isee jira, kunis waggoota kurnan aangoo irra turaniin booda beekkannaa isaan uummata biratti qaban hir’achaa dhufuu isaa kan calaqqisiisuu dha. Paartiin sabboonummaa Hindu kan Moodii Bharatiya Janata (BJP) michoota isaa waliin ta’uun teessoo mana maree gad aanu keessaa barcuma 294 argateera.

Ergaa miidiyaa hawaasaa ofii ‘X’ irratti maxxansaniin Moodiin akka jedhanitti namoonni amantaa isaanii NDA irra kaa’aniiru, kunis yeroo sadaffaaf walitti aansuun, kun seenaa biyya Hindii keessatti seenaa guddaa dha jedhan. Hawwii namootaa galmaan ga’uuf hojii gaarii waggoota kurnan darban keessatti hojjetame itti fufna jechuun namootaaf mirkaneessaniiru.

Kibxata galgala waajjira haadhoo paartii isaanii BJP keessatti mallattoo injifaannoo illee mul’isanii jiran.

Waggoottan kurnan darban aangoo murteessaa irra kan turan hoogganaa Hindii kanaaf duubatte deebi’uu guddaan kan isaan mudate yoo ta’u paartiin isaanii BJP utuu paartii NDA jedhamu kan gamtaa dimokraasummaa biyyoolessaa waliin hin uummannee qofaa isaa injifannoo argachuun isaa shakkisiisaa ture.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti kun kan maddu baakkamtiin jiru hir’achuu fi dhimmoota akka hoji dhabdummaa fi qaala’iinsa jireenyaa komee kaasuun guddachaa dhufuu isaa ti.

Moodiin kana dura paartilee ka biroo waliin gamtaan hojjetanii hin beekan. Yeroo mara hoogganaa sammuu ofiin qofaan geggeeffaman turan. Garuu paartiin isaanii qofaa sagalee irra jireessan waan hin arganneef jecha muummicha ministeeraa kanneen biroo waliin hojjetan ta’uu akka qaban xiinxalaa siyaasaa kan ta’an Nilanjaan Mukoo-paad-yaay dubbataniiru.

Injifannoon Moodiin marsaa sadaffaa kan ajaa’ibsiifatamu yoo ta’u, mormitoonni Paartii Kongireesiitiin durfaman deebi’anii daddammaquun isaanii isaanii dorgommii dimokiraasii haaromsuu agarsiisa.