MM Abiyyi Deemsa Marii Biyyaalessaarratti, “Itiyoophiyaa Kessatti Ammaa Booda Mootumman Ce’umsaa Hin Jiraatu,” Jechuun Maal Jechuudha?

Your browser doesn’t support HTML5

Itiyoophiyaa keessatti rakkoon nageenyaa yeroo itti fufee jiruu fi namoonni siyaasaa hidhamaa yeroo jiranitti gama kaaniin mariin biyyaaleessaa jalqabsiifameera. Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad haasawa dhiheenya jalqabbii marii biyyoolessaa irratti taasisaniin “Itiyoophiyaa kessatti kan booda Mootumman ce’umsaa hin jiraatu,” jedhaniiru. Haasaa muummichi ministiraa taasisanii fi adeemsa jalqabbii marii biyyaalessaa kanaa irratti Mitikkuu Fiqaaduu ogeessoota lama dubbisuun waan qindeesse qaba.