Naannoo Oromiyaa, godinaa Wallaggaa Lixaa aanaa Qondaalaa fi Beeggii keessatti Walitti bu’insa humnoota nageenya mootummaa fi WBO gidduutti fufee jiruun lammiileen nagaa miidhamaa jiru jedhan jiraattonni. Jiraattonni aanaa Qondaalaa fi Beeggii akka bilbilaan Sagalee Ameerikaatti himanitti humnoonni nageenya mootummaa osoo waa’ee namaa hin qulqulleeffatiin namuma arganirratti tarkaanfii fudhatu jechuun ibsaniiru. Bulchaan aanaa qondaalaa obbo Daani’el Jiraa gama isaaniin humnoonni nageenya mootummaa lammiilee nagaa irratti tarkaanfii hin fudhanne jechuun deebisan.