Waraanni Kaaba Itiyoopiyaa Tigraay keessatti jalaqabmeuu dura naannoo sanaa hojii irra kanneen turan waaltaalee oomishaa xixiqaaa 875 fi gurguddaa 45 akkasumas industriiwwan keessaa yeroo ammaa oomisha irra kan jiran 227 qofaa akka ta’e itti aanaa itti gaafatamaan waajjira industrii naannichaa obbo Mehaarii Gebremikaa’el VOAf ibsaniiru.
Waaltaaleen oomishan ennaa waraana sanaa guutummaan hojii dhaabanii kan turan yoo ta’u, dinagdee biyyaaf dhibba irraa harka 22 gumaachaa akka turan obbo Mehaariin ibsaniiru. Waaltaale industrii hojiitti seenan keessa siibilawwan hojii ijaarsaaf ta’an kan oomishu warshaan sibiilaa Yunaayitid Stiil End jefhamu tokko. Abbaan qabeenyaa dhaabbatichaa obbo Azezoom Ayyelee, meeshaalee dheedhii waraana sana dura seenan gargaaramuun oomishuu jalqabuu durbatu.
Wal waraansa waggoota lamaaf tureen industriiwwan naannoo sanaa ta’e jedhee hojiin barbadeessuu akka ture kan ibsan itti aanaa itti gaafatamaan waajjirichaa, waaltaalee kanaaf beenyaatu barbaachisa jedhan. Minister deettaan ministrii Industrii obbo Hasen Mehammed yeroo wal waraansa Tigraay industriiwwan hojii dhaabaniif ilaalcha addaa kennuu dhaan hojiitti akka seenan gochuuf yaaliin akka ta’u beeksisaniiru.
Sambata torban darbee kan jalqabamee fi waaltaalee oomishaa kan naannoo sanaa gara hojiitti galchuu irratti kan fuuleffate “torban sochii industrii” jedhamu irratti kan argaman minister deettaan kun, sadarkaa biyyaatti waaltaalee oomishaa fi industrii hojii dhaa ala ta’an gara oomishuutti akka deebi’an jajjabeessuu fi oomishtummaa guddisuuf mootummaa Federaalaatiin “Itiyoopiyaan haa oomishtu” mata duree jedhuun sochiin taasisamaa jiraachuu dubbataniiru. Workshooppiin mata duraa kana jalatti geggeessamaa ture har’a xumurameera jechuun Mulugetga Atsbeha Meqele irraa gabaaseera.