Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Kan magaalaa finfinnee akka ibseetti faalamni qilleensa magaalattii dachaan dabalera. Abbaa taayitichaatti daayreektara Daayreektoreetii Jijjiirama Qilleensa Naannoo Fi Anniisaa Haaromfamuu kan tahan obbo Saa'id Abdallaa sagalee Ameerikaaf akka himanitti qorannoo Biiroo Fayyaa Finfinneetin taasifameen bara 2021, 2022 keessa lakkoofsi namoota dhukkuba qaamolee sirna hargansuun, gara dhaabbilee fayyaa deeman waggaatti kuma 500 ta'a jechuun ibsaniiru. Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa fi qo'ataan dhimma fayyaa naannawa fi pirezdaantiin Waldaa Oggeeyyii Fayyaa Naannawa Pirofeesar Argaaw Ambeeluu akka jedhanitti faalama qilleensaa kana yoo yeroon hin to'anne dhiibbaan lubbuu namootaa irratti gessisu olaanadha.
Faalamni Qilleensa Naannoo Magaalaa Finfinnee Dachaan Dabaluun Himame
Your browser doesn’t support HTML5