Gareen atileetikisii Itoophiyaa dhiyeenya gara Ispeenitti Imaaluu dhaan dorgoomii calallii taasise. Dorgoomii figichaa meetira 10,000 dhiraaf dubaraan akkasumas meetira 800 fi 1,500 dhiraan minimaa olompikii gutachuuf ture ka dorgommiin kun geggeessame. Haala kanaanis meetira 800 alatti dorgoomii hundaan atileetootaa olompikii irrattii hirmaatan filachuu fi qabxii argameettii gamadoo ta’uu isaanii durasaan garee atileetiksii Itoophiyaa Obboo Bililing Maqoyaa VOAtti himanii jiran.
Gama biraatiin waancaan Awurooppaa bara 2024 Jimaata darbe istaadiyeemii Aliyaanz Areena Jarmanitti jalqabameera. Eebbissaa Naggassaa dabalata qaba