Bulchiinsa naannoo Amaaraa Godina Gojjam Lixaa magaalaa Jigaa keessatti , walitti bu'iinsa Dilbata darbe humnoota mootummaa fi garee hidhattoota Faannoo gidduutti uumame yoo xiqqaate namoonni nagaa kudhan ajjeefamuu jiraattonni himanii jiru.
Jiraattonni idoo sana irraa sagalee Amerikaaf akka ibsanti Loltoonni hidhattootaa konkolaataa waraanaa Godiina Gojaam Lixaa magaalaa Dambacaa irraa gara magaalaa Finotee Selam godiinichuuma keessa jirtutti deemaa ture irratti erga duukaasa bananii booda taateen kun mudate.
Hidhattonni erga duubatti deebi’anii booda namoonni nagaan humnoota mootummaatiin ajjeefaman jechuun jiraattonni himatu. Komishiniin Mirga Namoomaa kan Itiyoophiyaa waan du'a namoota nagaatiif sababa ta'e kan qoratuu ta’u beeksiseera jechuun Aster Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.