Oromiyaa, Godinaalee Hedduu Keessatti Namoonni Kumaan Lakkaawaman Dhibee Busaan Qabamuun Himame

Your browser doesn’t support HTML5

Oromiyaa, Godinaalee Hedduu Keessatti Namoonni Kumaan Lakkaawaman Dhibee Busaan Qabamuun Himame

Naannoo Oromiyaa godinaalee hedduu keessatti tatamsa'inni weerara dhukkuba busaa daachaan dabalu biiroon fayyaa Oromiyaa beeksiseera.Godinaalee tatamsa'inni weerara busaa itti hammaate keessaa godina Wallaggaa lixaatti ji'oota 10'n darbanitti namoonni 500,000 oli dhibee kanaaf saaxilamuu isaanii itti aanaan waajjira eegumsa fayyaa obbo Masfin Xaasoo sagalee Ameerikaaf himaniiru.

Jiraattonni godina Wallaggaa lixaa aanaa qondaalaa jimaata darbe daa'imman dhibee busaan lubbuun darbe jiraachuu ibsan, sababa dhibee kanaan lubbuun namoota hedduu darbu danda'a sodaa jedhu akka qaban ibsaniiru.

Biiroon fayyaa Oromiyaa weerara kana to'achuuf dhiyeessin qoricha irratti hojjechaa jira jedhan itti aanaan biiroo fayyaa Oromiyaa Dr.Tasfaayee kabbabaa.