Kitaaba Walaloo Haaraa Jechoota Durii fi Afoolarratti Hundaawe

Your browser doesn’t support HTML5

Kitaaba Walaloo Haaraa Jechoota Durii fi Afoolarratti Hundaawe

Tesfaayee Dheeressaa gaazexeessaa buleeyiidha. Telvijiin Ityoophiyaa sagantaa Afaan Oromoo irratti qopheesaa ol anaa sagantaalee ta’ee hojjateera. Gaazexaa dhuunfaa Urjii dhaaf hundeessaa fi gulaalaa ture. Erga biyyaa bahees, dhaabilee miidiyaa dhuunfaa adda addaa keessa hojjateera.

Tasfaayeen barreesaa walaloo ti. Dhiheenyaa kan kitaaba walaloo “Iyya hindaaqoo” jedhu qopheesee maxxansiisee jira. mata dureewwan walaloota isaa jechoota aadaa fi seenaa Oromoo keesatti beekaman irraa kan ka’aii dha.

Waa’ee walaloota isaa fi muuxannoo akkasumas hojii gaazexesummaatti yoomii qabee, akkamitii akka seene nuuf ibsee jira. Befiqaaduu Morodaatu dubbise.