Wixineen Seeraa Kan Itiyoophiyaa Falmisiisaa fi Yaaddessaa Ta’uu Xiinxaltoonni Ibsan

Your browser doesn’t support HTML5

Wixineen Seeraa Kan Itiyoophiyaa Falmisiisaa fi Yaaddessaa Ta’uu Xiinxaltoonni Ibsan

Manni maree bakka bu'oota Uummataa Itiyoophiyaa torbanoota darban keessa wixinee Labsii dhiima Immigireeshinii, Akkasumas kan maallaqa yakkaan argame deebisiisuu fi shorokeessummaa maallaqaan deeggaruu jedhu dhaggeeffachuun ibsoota dabalataaf gara koree dhaabbii mana marichaatti isaan ilaallatuutti dabarseera.

Wixineewwan labsiiwwan kunneenii aangoo olaanaa qaama seera raawwachiiftuuf kan kennu ta'ee walabummaa mana murtii fi mirga namoomaa irrattis dhiibbaa qabaata jedhamee yaadni irratti kennamaa jira. Mitikkuu Fiqaaduu ogeessoota seeraa lama dubbisuun waan qindeesse qaba.