Jijjiirama haala qilleensaa irraa kan ka’e sadarkaa addunyaatti ho’a hamaa mudateen shoofeeroota kokolaataa gurguddaa kanneen Jabuutiitti deddebian irratti du’aa fi rakkoon fayyaa mudachuu isaa waldaan shofeeroota konkoolaataa gurguddaa kan Itiyoophiyaa beeksisee jira. Hojii gaggeessaa waldaa kanaa kan ta’an Obbo Solomoon Zawdee sagalee Amerikaaf akka ibsanti baatii Waxabajjii kana keessa qofa shoofeeronni 3 du’u ibsan.Kana malees shofeeronni dabaree eeggachuuf jecha Jabuutii keesssatti yeroo dheeraa dabarsan lubbuu isaaniif yaaddeessaa ta’uus ibsanii jiru.
Shoofeeronni konkoolaataawwan gurguddaa sagalee Amerikaaf akka ibsanti sirna dabaree eeggacchuu qindoomiina qabu dhabuun shoofeeroota ho’a guddaa kan qabdu Jabuutii keessa guyyoota dheeraaf akka turan gochaa akka jiru ibsanii kunis du’aa fi fayyaa dhabuuf sababaa ta’u isaa komee dhiyeessanii jiru. Abbootiin qabeenyaa boba’aa dhiyeessanis ta’e qaamnii mootummaa dhimmi kun isa ilaallatu akkaataa hojii ammayyummaa qabu hordoofuun balaa konkoolaachiiftoota irra ga’a jiru hanqiisuuf waan barbaachiisu mara akka hojii irra olchan gaafatan.
Waldaan Abbootiin qabeenyaa fe’uumsa dhagala’aa kan Iiyoophiyaa gama isaan Jabuutii keessatti konkoolaachiiftonni dabaree eegachuu irratti rakkoo isaan mudatuu sirreesssuuf marii gaggeessuuf karoorrii akka jiru ibsee jra.
Komee dhiyaatan kana irratti deebii akka kennaiif ministeera Geejibaa fi Lojastikaaf hojii raawwachiiftuu dhimmoota hariiroo ummataa fi komunikeeshinii kan ta’an Aaddee Amalawarq Isqeel deebii kennuuf bellama eega kennanii booda deebifamee ennaa bilbilamuuf hin kaasan jechuun Masfiin Arraagee gabaasee jira