Hindii Keessatti Uummanni Ayyaanaaf Walitti Qabame Keessaa Girrisanii Wal Irra Hojjechuun Namoonni Dhuman 121 Gahan  

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Lakkoofsi namoota ayyaana amantii Hindu Kibxata kaleessaa Hindii Kaabaa kutaa Uttar Pradesh keessatti geggeeffameen lakkoobsii namoota du’anii gara 121 guddateera. Abbaan murtii aanaa Ashish Kumar gaazexeessitootatti akka himanitti, haallii kun kan mudate ganda magaalaa galama mootummaa Hindii Niiw Deelii irraa gara kibba bahaatti gara kiiloo meetira 200 fagaattee argamtutti.

Yeroo namoonni baay’een sagantaa Hindu satsang jedhamuun beekamu, kan hogganaa amantii naannoo sanaa Bhole Baba’n qophaa’e xumuranii ba’uuf ariifatan balaan kun dhaqqabe. Gabaasni poolisii akka jedhutti qorannoon duraa namoonni kuma 200 fi kuma 50 ta’an dunkaana yeroof qophaa’e bakka sagantichi itti gaggeeffame keessatti walitti qabamaniiru. kunis daangaa lakkoobsa namoota ka’amee kuma 80 kan qondaaltonni naannoo ajajan baay’ee caaleera.

Gabaasni adda addaa akka jedhanitti, wal irranejjechuun kun kan jalqabe, amantoonni hogganaann amantii Bhole Baba yeroo bahaan dunkaana keessaa ba'anii hordofanii turan. Hirmaattonni hedduun isaanii lafa dhoqqee irratti siqanii boolla bishaaniin guutame keessa kufanii warri kaan immoo isaan irratti kufanii caccabanii du'an.