Muummichii ministeeraa mootummaa Ityoophiyaa Abiy Ahimed gara biyya Sudaanitti imaluudhaan magaala Poorti Sudaan keessatti Ajajaa umna waraana Sudaan Jeneraal Abdel Fataah Al Burhaanii wajjin wal arganii dubbachuun isaanii gabaasameera.
Imala mummichaa ministeeraa ilaalchisuudhaan sagalee Amerikaatti kan dubbatan dubbii himaan ministeeraa dhimma alaa Ityoophiyaa Obbo Nabiyyuu Tedilaa, walwaraansaa Sudaan keessatti taasifamaa jiru dhabsisuudhaaf yaaliin kanaan dura taasifamaa ture waan fiixaan hin baaneef yaalii haaraa jalqabuun barbaachisaa akka ta’e ibsuu isaanii Kenedii Abaatee gabaaseera. Karaa biraatiin, imala muummicha ministeeraa Ityoophiyaa irratti kan gabaase maddi oduu Rooyiters, erga lolli Sudaan jalqabamee as Poort Sudaan keessatti argamuudhaan Abiy Ahimad hogganaa biyyaa alaa kan jalqabaa akka ta’an ibsee, ji’a Mudee darbe keessa Jeneraal Mohaamed Hamdaan Dagaaloo Finfinnee keessatti kan simatan Abiy Ahimad, daawwanaan isaanii ammaa, lola ji’oottan 15 fi biyyatti keessatti adeemaa jiru dhaabsisuudhaaf yaalii marsaa biraa akka ta’e eerera.
Abiy Ahimad Sudaaniin kan daawwattan erga umni dafee qaqqabaa inni Mohaamad Dagaalootiin hogganamu, ji’a darbee kaasee gara bakka Siinaar jedhamuufi daangaa Ityoophiyaatti dhihaatee jirutti siquun isaa yaadoo umee as akka ta’e Rooyiters gabaasaeera. Waraanni Hamdaan Dagaaloo garaa kutaa Gadaariif bakka buqaatonni Sudaan kuma 600 ta’nii fi lammileen Ityoophiyaa lola biyyaa keessaa baqatan kumaan lakkaawaman keesaa qubatanii jiranutti akka dhiihaachaa jiru kan ibsee maddi oduu Rooyiters, sababa wal waraansaa kanaan, namoottan Miiliyoonii 10 ta’an jireenyaa isaanii irraa akka buqa’an beeksiseera.