Naannoo Amhaaraa Godina Addaa Saba Oromoo Keessatti Rakkoon Nageenyaa Yaaddessaa Tahuun Himame

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoo Amhaaraa godina addaa saba Oromoo keessatti nageenya fi dhimmoota taasgabbiin dhibuu waliin wal qabatan akka furmaata argatan Abbootin Gadaa, jarsoliin biyyaa fi abbootin amantaa waamicha dhiheessan. Bulchaan godinichaa obbo Ahmed Alii Jimaata darbe hidhattootaan erga ajjeefamanii as jiraattotni sodaa nageenyaa hamaa keessa akka jiraanis namoonni sagalee Ameerikaaf yaada kennan ibsanii jiru. Tsahaay Daamxoo gabaasaa dabalataa qabdi.