Itiyoophiyaan Uggura Imalaa Waggoota 30 Keessatti Lammiilee Ishee 10,000 Irra Keessee Turte Kaasuu Ishee Beeksiste 

  • VOA

Daayeereekteera tajaajiila Immigreeshinii fi lamummaa aaddee Salaamaawit Daawwiit

Itiyoophiyaa keessatti biyyaaf yaaddeessoo dha akkasumas bu’aa biyyaa miidhuu jedhamee akka biyyaa hin baanee kan ugguraman lammiwwan biyyatti kuma 10 waggaa irra kaafamee bilisa ta’uu isaanii daayeereekteera tajaajiila Immigreeshinii fi lamummaa aaddee Salaamaawit Daawwiit ibsanii jiru.

Itti gaafatamtoonni dhaabbatichaa raawwii hojii kan waggaa ilaalchisee oduu gabaastootaaf ibsa kennaniin waggaa bajataa keessatti bal’inaan hubatamaa kan ture rakkoon paasportii argachuuf namoonni kuma 300 fi kumnii 30 kan ta’an galmaa’uu isaaii fi rakkoo kana salphisuuf jecha, paaspoortii Miliyoona 1.1 maxxansisuu danda’amuu idubbatan.

Amma Baatii lama keessatti paaspoortii qaban haareessuu akkasumas haaraa baafachuun akka danda’amuu kan ibsan itti aanaa Daayreekteera dhaabbatichaa Obbo Gosaa Dammissee kana jechuun rakkoon jiru guutuummaatti furamee jechuu miti jedhan.

Wagguuma wal fakkaataa keessa Itiyoophiyaa keessa galmee seeraan alaan ituu jiraataa jiranii kan argaman lammiwwan biyya alaa 18,000 irratti seeraan tarkaanfiin fudhatamuu fi kanneen keessaa 6000 Itiyoophiyaa keessaa ari’amuu isaanii itti gaafatamtoonni kun ibsanii lammii biyya kamii akka ta’an garu hin ibsiine.

Baqattoota Itiyoophiyaa keessa jiraataniif galmee seeraa kennuu fi gaaffii dahannaa galmeessuun waggaa sadii caalaaf addaan cite akka ture dhaabnii baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa (UNHCR) fi komishinni mirga namoomaa kan Itiyoophiyaa yeroo adda addaa ibsaa turan.

Obbo Gosaa Damissee isaan akkanaa kana akka warra seeraan alaatti ilaalla jechuu isaanii Gabra Mikaa’el Gabra Madhin Finfinnee irraa gabaasee jira