Pireezidant Joo Baayiden Xumura Walga’ii NATO’rratti Gaaffii Gaazexeessitootarraa Dhihaateef Deebii Bal’aa Kennan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Imaammata alaa irratti akkasumas haala fayyaa sammuu isaanii irratti gaaffiin ka’een pirezidaantii ta’uuf dorgomuu itti fufuuf murteessuu isaanii of irratti amantaan gad fageenyaan ibsan.

Baayiden kana kan dubbatan xumura walgahii Neetoo (NATO) Waashingitan keessatti gaggeeffame irratti yoo ta’u, hoggantoonni dandeettii Yukireen weerara Raashiyaa ofirraa ittisuuf qabdu cimsuuf tarkaanfiiwwan qabatamaa fudhtaman irratti waliigalaniiru.

Torban walgahii kanaa keessatti hoggantoonni biyyoota hedduu ibsa isaanii keessatti Ameerikaa galateeffachuu fi waan NATOn galmaan ga’e hundaaf dhuunfaan na galateeffachuu murteessaa jedhu Baayiden

Garuu ji’a darbe ga’umsa falmii Baayiden qaban rakkoo geessise booda dorgommiin pirezidaantummaa Ameerikaa qormaata ta’uu isaas beeksisaniiru.

Dogoggorri kun jiraatuus ji'a Sadaasa keessa filannoo gaggeeffamuun pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp ni injifata jedhanii amantaa qaban irra deebi'anii dubbataniiru

Gaaffiin dandeettii Baayiden qormaata gurguddoo addunyaa dura dhaabbachuu irratti ka’e, walgahii Waashingitan gamtaan Neetoo waggaa 75ffaa kabajuuf gaggeeffame irratti sagalee hasaasaan dubbatamuu ta’ee jira.

Miseensonni gamtichaa Yukireen cimsuuf tarkaanfiiwwan qabatamaa hedduu fudhataniiru, kunis karoora qindoomina waldhabdee kanaa aangoo NATO jalatti galchuu dabalatee, Waashingitaniif dhiisan.

Jimaata har’a Baayiden qormaata dadhabsiisaa biraatu isaan eeggata. Daawwannaa Detroit taasisuun gara daandii duula filannootti deebi'u. Achittiis sagalee uummataa fi barbaachisoo ta’an Kan murteessaa ta’e argachuuf filattotatti dubbatu.