Somaaliyaa magaalaa Moqdishoo keessatti dilbata kaleessaa boombii konkolaataarratti hidhamee dhoheen namoonni Sagal du’aniiru. Magaalaa guddittii Somaaliyaa Moqaadishoo keessatti guyyaa dilbata kaleessaa boombii konkolaataarratti hidhameeru dhohuun namoota 20 madeessuun Sagalimmoo ajjeesseera. Akka dubbii himaan poolisii Somaaliyaa ibsetti dhohinsichi kan mudate konkolaataa balbala Kaaffee tokkoorra dhaabbateeru irraa akka ta’ee fi kaaffee sana keessaattis namoonni hedduun tapha waancaa kubbaa millaa Awurooppaa 2024 Ispeenii fi Ingilaandi gidduutti taphatamaa jiru osoo daawwachaa jiraniiti jedheera.
Warra ajjeefaman keessaa Namoonni Shan kanneen daandiicharra imalaa turan yommuu ta’u namoonni Afur immoo Kaaffee taphni kubbaa miilaa waancaa Awurooppaa keessatti daawwatamaa ture keessatti ta’uu qondaala nageenyaa biyyaalessaa Somaaliyaa kan Moohaammad Yusuuf ibsaniiru.
Dhohinsa boombii dhaqqabe kanaaf hanga ammaatti qamani itti gaafatamummaa fudhate hin jiru. Ejeensiin oduu Somaalii inni mootummaan hoogganamu dilbata kaleessaa akka gabaaseetti haleellichi Al- qaayidaa isa jihaadistii Alshabaab waliin hidhata qabuun fudhatameera jedhe. Waggoota 17 oliif Alshaabaab mootummaa federaalaa Somaaliyaa dadhabaa ta’e irratti finciluun dhiiga dhangalaasaa kan ture Moqaadishoo dabalatee kutaa biyyattii bakkoota hedduu keessatti halleellaa boombii raawwateera.
Akka namoonni ijaan argine jedhan Ajaansi Firaansi Pireesitti himanitti Sanbata xiqqaa dabarsine kanas humnoonni Jihaadistii Alshabaab mana hidhaa magaalaa Moqaadishoo keessatti argamu cabsanii seenuuf waarana bananiin msieensonni isaa Shan ajjeefamuu fi eegdoota mana hidhaa sana keessaas Sadii ajjeefamuun kanneen 18 ta’animmoo madaa’aniiru. Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheeyik Mahaammud loltoota mootumaa, milishoota naannoo waliin qindaa’uun fi deeggarsa Gamtaa Afiriikaa akkasumas haleellaa qilleensarraan Yuunaayitid Isteetisi deeggartuun Jihaadistoota irratti waraana hunda galeessa akka taasisan waadaa galuun dhaadataniiru.