Sudaan Kibbaa Waliigaltee Biyyoota Naannoo Laga Naayil Maallatteessun Yerroo Kana Itoophiyaaf Seenaa Qabeessa Taasisa: MM Abiy

  • VOA

FAAYILII - Muumee Ministeeraa Itiyoophiyaa, Abiy Ahimed, FInfinnee, Waxabajjii 21, 2024.

Sudaan Kibbaa waligaltee biyya Masrii fi Sudaaniin biratti fudhatama hin argatin jiru, malateesuun ishee seena qabeesa fi waan fedhii Itiyoopiyaa gargaaruudha jechuudhaan Muumichii Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed Roobii ha’ra fuulaa miidiyaa hawaasaa duraan Twiiter jedhamu, 'X' irratti yaada kennaniin beeksisan.

Waligalteen biyyoottan naannoo laga Naayil mirga itti fayyadamaa lagichaa kanaan duraa humna bittaa koloneeffattotaatin barrefamee fi isaa Masrii fi Sudaan qofa fayyadu bakka buusuudhaaf kan yaadame ture.

Waligalteen haaran kun waggoottan 11'f erga mariin irratti taasifaama turee boodaa bara 2010 ji’a Eblaa keessa Itiyoophiyaa, Taanzaaniyaa, Ugaandaa, Ruwaandaa fi Keeniyaan malateessan; waggaa tokko baada ammoo Burundiin itti makamte.

Yuniversitii Finfinneetti qo’ataa Siyaasa lagawwanii kan ta’an profeser Yaaqoob Arsaanoo ibsa Sagalee Amerikaatiif kennaniin, Sudaan Kibbaa waliigalticha keesaa seenuun ishee waligaltiichii sadarkaa Aduunyaatti akka fudhatama argatu kan taasiuu jedhan

Gabaasichi kan Kenedii Abaateeti.