Qananiisaa ‘Atileetii Afrikaa Cimaa Jaarraa 21ffaa’ Jedhamee Barruu Ispoortii Ameerikaan Badhaafamuu fi Oduuwwan Ispoortii Biroo

Your browser doesn’t support HTML5

Barruun Ispoortii beekamaan as Yunaayitid Isteetis keessa jiru, ESPN, Atileet Qananiisaa Baqqalaa Atileetii `Afrikaa cimaa jaarraa 21ffaati jechuun Filate. Atileet Qananiisaa Baqqalaa beekamtii argatetti gammaduu ibsee, deeggartootasaa galateeffateera. Dorgomiin Olompikii Paaris jalqabamuuf guyyaa shantu haafee jira, gareen olompikii Itoophiyaa olompikii Tokiyoo caalaa qabxii fooyya’aa fiduu akka danda’u himamaa jira. Dorgomaan Bisikileetii Lammi Ertiriyaa Biniyaam Girmaay Dorgomii Tour De France uffata halluu magarisaatiin mo’achun atileeti jalqabaa Afrikkaa ta’uu danda’e. Eebbisaa Naggasaa kanneen irratti gabaasaa qaba.