Aanaa Darraa Irraa Barattoonni Qormaata Kutaa 12ffaa Fudhachuuf Gara Yunivarsitii Salaalee Deeman Deebi’uu Hin Dandeenye Jedhame

Your browser doesn’t support HTML5

Barattoonni naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraa qormaata guutuu biyyaatti kennamu kan kutaa 12ffaa qoramuuf gara yuunivarsitii Salaalee deeman gara maatii isaanitti akka hin deebine maatiin sagalee Ameerikaatti himan. Qe’ee isaanitti deebi’uu dhabuu barattoota kanaaf sababaan rakkoo nageenyaa muudate tahuuf maatiin barattoota kanaa dubbataniiru.

Daandii magaalaa Fiichee irraa gara aanaa Darraa geessu irra Waraanni Bilisummaa Oromoo fi hidhattoonni Faannoo waan socho’aniif tajaajilli geejjibaa akka hin jirre dubbatu, barattoonni.