Mummichi Ministaraa Israa’el Prezidaant Baayiden Dabalee Angawoota Yunaaytid Isteetis Ol’aanaoo Wajjiin Dubbatan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Muummichi ministeera Israa’el Beenjaamin Netaanyaahuu Kamisa darbe Waayit Haawus keessatti pirezidaant Joo Baayiden waliin kan wal argan yoo ta’u hoggantoonni lamaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa kan bulchiinsi Baayiden torban hedduudhaaf dhiibaa ture keessatti garaa garummaa uumamee furuuf yaaluun isaanii ni yaadatama.

Mariin ji’ootaaf Ameerikaa Masrii fi Qaxar gidduu galeessa godhate yaada dhukaasa dhaabuu kan namoota Gaazaa irraa booji’aman gadhiisuu akkasumas Israa’el hidhamtoota Falasxiin bilisa baasuu fi gargaarsi namoomaa gara Gaazaa keessaatti dabaluu kan jedhu dabalatuu hin dandeenye.

Garuu mariisistoonni Masrii Israa’el, Yunaaytid Isteetis fi Qataar irraa dhufan waliigaltee dhukaasa dhaabuu marsaa sadii yaadame irratti marii deebi’anii jalqabuuf Kamisa dhufu Dohaatti wal arguuf beellama qabatanii kan turan yoo ta’u, Israa’el mariisistoonni ishee duubatti harkifachuu isaanii fi marii hanga torban dhufutti akka hin jalqabne beeksifteetti.

Netaanyaahuun itti aantuu pirezidaantii Yunaaytid Isteetis Kamalaa Haariswaliinis waajjira itti aantuu pirezidaantii keessatti haala sirnaawaa ta’een wal arganii jiru. Kunis Haaris duula filannoo pirezidaantummaa erga eegaltee guyyoota muraasa booda.