Bulchiinsa Naannoo Sidaamaa Godina Wenshootti sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 11 dabeera

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Guyyaa Dilbata kaleessaa Adooleessa 21 bara 2016 bulchiinsa mootummaa naannoo Sidaamaa Godina Wenshoo aanaa Gishiree ,Ganda Guduu Moonaa Hoomaa keessatti sigigaa lafaa mudateen lubbuun namoota 11 darbuu biiroo Komuunikeeshiinii naannichaatti hoogganaa kan ta’an Obbo Wesenyelleeh Simi’oon sagalee Ameerikaatti himan. Galgala lafaa naannoo Sa’aatii tokkootti naannoo sigigni lafaa uumame kanatti Rooba cimaa robe hordofee namoota Ja’a irrattis miidhaan qaamaa dhaqqabuu Obbo Wesen yellee dabalataan ibsaniiru.

Namni Boggaalee Kufesoo jedhaman jiraataa naannichaa kan ta’an yaada Sagalee Ameerikaaf kennaniin balaan kan uumamee Rooba cimaa guyya naannoo Sa’aatii Saddet irraa kaasee hanga galgala sa’aatii tokkootti Roobeen akka ta’ee fi namoota du’an keessaas irra caalaan isaanii miseensota maatii tokkoo akka ta’anidha. Kana malees warra miidhaan qaamaa irra ga’e keessaas lama miseensota maatii tokkoo ta’uu sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Namootni miidhaan irra ga’e hospitaala Yirgaaleemitti wal’aansa argachaa akka jiran hoogganaan biiroo Komuunikeeshinii naannoo Sidaamaa Obbo Wesen Yelleeh ibsanii qaamooleen nageenyaa akkasumas ogeessonni ittisaa fi sodaa balaa deeggarsa kennuuf bakka balaan kun itti mudatetti bobbaafamaniirus jedhan.

Naannoolee Kibba Itiyoophiyaatti rooba cimaa roobaa jiruun sigigni lafaa naannoo Sidaamaatti uumame kun isa Arfaffaati. Gabaasni kan Yoonaattan Zabdiyoos Hawwaasaa irraa erge.