Gabaasa Haaraa:Biyyoota Afrikaa Keessatti Bookeen Busaa Qoricha Dandamatu Baayyachaa Jira

  • VOA

Nama dhukkuba busaatiin qabamtee yaalii argachaa jirtu, Leego,s, Naayijeeriyaa, Ebla 20, 2024.

Bookeen busaa qoricha ijoo dhukkuba busaa ittisuuf kennamu dandamatu biyyoota Afiriikaa keessatti dabalaa dhufuu mallattooleen agarsiisan jiraachuu gabaasni haaraan ba’e tokko ifoomse Akka Gabaasa haaraa ba’e kanaatti Kutaalee Afiriikaa keessatti bookeen busaa qoricha dhukkubicha ittisuuf kennamu kan waggoota digdamaaf kennamaa ture dandamatu mul’isu mallattooleen agarsiisan jiraachuu ifoomsee , immaamta fayyaa hattattamaan yoo hin foyyeessines du’aatii Kumaatamootaan lakkaa’aman hordoofsiisuu akka danda’aus akeekkachiiseera.

Afiriikaa keessatti guyyaatti daa’imman Kuma tokko dhukkuba busaatiin du’uun kan gabaafamu lakkoofsi kun dabaluu mala sodaan jedhutu mul’achaa jira. Qorichi busaa waggoota Digdamaaf kennamaa ture inni Artemisiniin jedhamuun beekamu dhukkubicha to’achuu dadhabuun biyyoota Afiriikaa keessatti mul’achuu kan ifoomse gabaasni qorannoo qorichaa Mahidol Oksifoord Tirooppikaal kan Baankook keessumaa biyyoota Baha Afiriikaa irraa gabaasni hedduun isa dhaqqabuu ibseera.

Bookeen busaa qoricha Artemisiniin dandamatu kun biyyoota akka Itiyoophiyaa , Eritiriyaa, Ruwaandaa, Ugaandaa fi Taanzaaniyaa keessatti mul’achuu kan ibse gabaasichi kanaan dura bara kudha Sagal sagaltamootaa fi 2000 keessa bal’inaan qorichi dhukkuba busaaf kennamaa ture Kiloorokiyuun jedhamu akkasuma bookeen busaa isa dandamatu mul’achuu kan yaadachiise gabaasichi ammas waan wal fakkaataan mul’ateera jedhe. Bookee busaa qoricha dhukkubicha ittisuuf kennamu kana dandamachaa jiruuf tarkaanfiin hatattamaa barbaachisas jedheera gabaasichi.