Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaleessa imaammata sharafa maallaqa alaa bulchu haarawa ifoomseen humnii bittaa qarshii Itiyoophiyaa gad buusuu irratti jiraattonni yaaddoo qaban ibsan.
Jiraattonni magaalaa Adaamaa fi Finfinnee kan VOAn asofsiise, keessumaa yeroo qaalayiinsi jireenyaa hammaatee jira jedhanitti mootummaan murtee kana fudhachuun isaa akka jiruu isaanii gaaga’uu danda’u himani.
Kanaafis daldaltoonni fi mootummaan daballii gatii midhaan nyaataa fi meeshaalee barbaachisoo garmaleen akka mudanneef eeggannoo fi hordoffii barbaachisu akka taasisu gaafataani jiru.