Biyya Hindiittimmoo sigiga lafaa Kibxata darbe lafa barii kan Roobiitti deemu mudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 194 yommuu darbu kanneen 186 ta’anirrammoo miidhaan dhaqqabeera. Balaan kun kibba biyyattii naannoo Kerala aanaa Wayanaditti kana qaqqabe yommuu ta’u manneen jireenyaa akkasumas mukoonni jijjiguu fi riqichoonni diigamuun mul’ateera. Kanneen miidhaan qaamaa irra qaqqabeen alattis namoonni 187 ol hanga ammaa hin argamiin jiru. Namoonni 40 reeffi isaanii bakka balaan kun dhaqqaberraa fageenya Kiiloometira 30 irratti yommuu ta’u ,Hojjeetoonni baraarsitootaa 1,100 ol namoota sigiga lafaa kanaan liqimfamaniiraan barbaaduutti fi baasuutti jiran amma guyyaa sadaffaa isaaniitti abdiin namoota badan lubbuun argachuu waan jiru hin fakaatu jedhaniiru. Humna namaa fi xiyyaarota heelikooptarii fayyadamuun namoota 5,500 bakka balaan kun itti dhaqqabe keessaa baasuun danda’amuu isaa angwoonni naannichaa ibsaniiru.
Akka Saayinsistoonni jedhanitti sababa jijjiirama qilleensaa fi akka addunyaatti hangi ho’aa dabaluu irraan kan ka’e haalli roobaa jijjiiraamaa dhufuu ibsu.