Atileet Siifan Hasan Olompikii Paaris 2024 irratti injifannoo Olompikii Tookiyoo meetiri 5,000 fi 10,000 irrat galmeessite ittisuu fi dorgommii maaraatooni irratti hirmaachuuf murteessuu Roobii darbe beeksiste. Haa ta’u malee figiicha meetirii 1, 500 duraan kaachuuf karoorfattee turte akka dhistee dubbatte.
Atileetota dorgommii figichaatin cichoomina qaban keessaa takka an taate Siifan, Tookiyoo irratti meetiri 1,500 dorgomaa odoo jirtuu kuftus achii kaatee medaaliyaa Nadhii injifattee turte.
Siifaan Jimaata harraa dorgommii baniinisaa meetirii 5,000 irratti hirmaachudhaan kaayyoo Olompikii barabaatiif qabdu agarsiisu jalqabdi.
Karaa biraatiin, fiigichi meedaaliyaa meetirii 10,00 Hagayya 9 gaggeeffamuuf beellamamera. Sifaan san fiigdee boqannaa sa’aatii 48 gadii booda maaraatoonii irratti hirmaatti. Karoorri Siifan kun karoora ajja’ibsiisaa ta’uutu himamaa jira.
Atileetiin Yunaaytid Isteets Fiigichaa gabaabaadhan beekkamuu fi amma soorama bahee jiru Maaykil Joonsan karaa miidiyaa hawaasummaa X, “Nama biraa kamiifu kun waan dinqiidha!” jedhee, “Atileetiin Siifan Caalaa dorgommii jalaatu jiraatee beeka jedhe in amanu,” jechuudhan ajjaa’ibsiifateera.
Atileetiin dhalootan Itoophiyaa, lammii Neezerilandi Siifan, Olompikiin dura yeroo ishii bayyee kutaa Yunaaytid Istets Yuutaa, Paarki siitii keessatti ji’ootaaf shaakallii cimaa godhuu,gaazexeessotatti himte, sababni bakkicha filatteefis altiitiwudii isaatti fayyadamuuf akka ta’e eerte.
“Maaratoonin haalan na yaachisa... saniifaan amman danda’e dhiibee shaakale,” jette.
Maaraatoonii Paaris tulluu baayyee waan qabuuf addatti atileetotatti haaraa ta’uu mala jedhamus Sifaan garuu gaazexeessitootaaf akka himtetti . Yaada’auu fi sodaan akka ishiin itti cimtee of jabeessitu akka ishii godhu ibsite. “Yeroo tokko okko sun gaaridha. Yeroon yaadda’e... gaariin hojjadha.”
Gabaasa Rooyters.