Naayijeeriyaa Keessatti  Namoota Hiriira Mormii Bahan Keessaa 13 Ajjeefamuun Gabaasame

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Ajjechaa kamisa kaleessa namoottan karaa naagatiin hiriira mormii taasisaa turan irratti raawwatamee kan baalaaleffatee dhaabbanni idilee adduunyaa mirgaa namoomaatiif falmu Aminestii internaashinaal akka ibseetti jiraattonii kumaatamaan lakawwamaan magaalota biyyatti adda addaa keessatti kan hiriira bahan, imaammata mootummaa fi haala qaala’insa jireenyaa mormuudhaan akka ta’e beeksiseera.

Aminestii Internashinaal fuula midiyaa hawaasa X irratti ibsa baaseen, magala Suleeja keessatti namoottan jaha akka ajjefaman, magaala Mayidugurii keessatti namoottan Afur, kutaa Kaadunaa keesatti immoo namoottan Sadii ajjeefamuu isaanii ibseera.

Haanga’aan Poolisii Nayijeriyaa namoonni Shan akka du’an ibsanii, kanneen keesaa tokko miseensaa Poolisii akka ta’e beeksisaniiru. Qorataan waliigalaa Poolisii Naayijeeriyaa Kayoodee Egbeetookun kutaawan Kanoo, Bornoo, yoobee, kadunaa, Goombee, Ba’uchii, Abujaa, Niijer fi Jigawaa keessatti qabeenyii manca’uu isaa ibsanii, Bornoo keesaatti balaa boombiitiin namoottan Afur du’anii 34 immoo madaa’uu isaanii ibsaniiru. Bala boombii sana abbaa geesise hin ibsine.

Mormiin kun guyyaa lammafaadhaaf Jimaata har’aa yemmuu itti fufee jirutti, kutaalee biyyatti Shan keessatti, labsiin dhorki sochii hojii irra oluu isaa kan gabaase maddi oduu AFP jimaata har’aa magala gudditii biyyatti Abuujaa keessatti namoottan mormiidhaaf bahan irratti poolisoonni gaazii nama imimaanessu dhukaasuu isaanii gabaasee jira.

Maddi oduu Assooshiyeetid Prees immoo Kamisa kaleesaa namoottan mormiidhaaf bahan 300 ol hidhamuu isaanii gabaaseera. Nayijeeriyaa keessatti qala’insii gatii midhaan nyaata fi boba’a dhibeentaa 40 dabaluu isaa fi haalii nageenyaa biyyatii yaaddessa ta’u isaa ibsuudhaan lammileen Naajeriyaa hiriira mormiif bahuun isaanii gabaasameera. Mormiin qaala’isaa jireenyaatiin walqabatee Naayijeeriyaa keessatti taasifamuu jalqabe, mormiin walfakaataan biyyaa keeniyaa keessatti taasifamee Prezidaantiin biyyatti Wiliyaama Ruuto seeraa dabalii dilaalaa isa morimiidhaaf sababa ta’e haqanii, miseensota kaabinee isaanii erga bittineesanii booda akka ta’e gabaasameera.