Lammileen Yunaayitid Isteets sadan, gabaasaa dhaabata midiyaa wool Striit Jornaal Evan Gershkovich, gabaastuu dhaabata “Radio Free Europe / Radio Liberty” Alsu Kurmasheva fi miseensa waraana umna galaana Yunaayitid Isteets duraanii Paul Whelan yemmuu ta’an, sadan isaanii dabalatee hidhamtoonni siyaasa mana hidhaa Rashaa keesaa gadi lakisaman namoottan 16. Kanneen biraa caalaan isaanii lammilee biyya Jarman akka ta’an gabaasameera.
Itti antuu prezidaantii Kamilaa Hariisii fi maatii namoottan mana hidhaatii gadi lakisamanii wajjin ta’uudhaan kan simannaa taasisan Prezidaant joo Baayiden, waligaltee kana irra gahuudhaaf yaalii taasisaa turan eeranii bu’ii yaalii isaaniitiif garuu shooraa biyyoottan fira Yunaayitid Isteets ta’an, keesuumaa qoodnii mootumma Jarman goddaa ta’uu isaa ibsanii galateefataniiru.
Biyya Jarmaniin dabalatee biyyoottan lixaa adda adda waligaltee mootummaa Raashaa wajin taasisaniin, lammiileen Raashaa Sadeet mana hidhaa adda adda keesaa turan akka gadi lakisaman taasifameera.
Akkaata waligaltee kanaan lammileen Raashaa biyyaa isaaniitti deebi’an mana hidhaa biyyaa Siloveeniyaa, Noorway fi Poolaand keessa kan turan yemuu ta’u , namoonni sadii immoo mana hidhaa Yunaayitid Isteets keessa kan turan akka ta’e beekameera.
Bulchiins isaanii amma ammaatti lammilee Yunaayitid isateets biyyoottan alaa keessatti hidhamanii turan 70 gadi lakkisiisuu isaa kan ibsan Prezidaant Baayiden, “Lammileen Amerikaa biyyoottan alaa keessatti dogoggoraan hidhamanii jiranu gadi lakkisisuudhaaf yaalii koo hin dhaabu” jechuudhaan oduu gabaastotatti dubbataniiru.
Dhaabbannii miidiyaa Radio Free Europe fi Radio Liberty dhaabbata VOA dhaa wajjin hojjatuudhaa. Akkuma kanaan, gabaastuun dhaabata kanaa Alsu Kurmaasheva gadi lakkisamuu isheetiif jarmiyaan VOA bulchu Dhabbanii midiyaa Adunyaa kan Yunaayitid Isteess “US global Media Agency” gammachuu itti dhagahame ibseera.
Gabaastonni dhaabbata kana lama Biyya Beellaruus keessatti, tokko immo kutaa Raashadhaan qabamee jiru Kerimiyaa keessa akka jiran ni beekama.
Waljijiraan hidhamtootaa Raashaadhaa wajjin taasifame kun erga yeroo wal loliinsaa diilallaa’aa ykn isa “Cold War” jedhamee beekamuuti as lakkofsaa namootaatiin isa jalqaba akka ta’e beekameera.