Itiyoophiyaan Haromsa Imaammata Diinagdee Taasisuu Ishee Hordofee Maallaqa Biiliyoona 27 Tahu Qaamota Adda Addaarraa Argachuu Beeksiste

  • VOA

FAAYILII - Waajjira Ministira Mallaqaa Itoophiyaa

Mootummaan Itiyoophiyaa haaromsa diinagdee Sharafa biyya alaa gabaa gidduu galeessa godhate torbaan dura gaafa Adooleessa 22 bara 2016 irraa kaasee hojiirra oolchuu isaa hordofee biyyittiin Doolaara biiliyoona 27 ol argachuu ishee de’eetaan ministira Faayiinaansii Itiyoophiyaa Doktor Iyyoob Takkaaliny gaafii deebii Teleeviyoona Faanaa waliin taasisan irratti ibsaniiru. Imaammata diinagdee diinagdee haaromsuuf taasiisuuf walii galteerra ga’amuu isaa hordofee Itiyoophiyaan waggoota Sadan dhufan keessatti Doolaara Biiliyoona 16.6 baankii Addunyaa irraa Liqaa sirreesuu fi liqaan akka argattuu fi kana keessaa amma doolaarri biiliyoona 1.5 ragga’ee akka jiru fi Fandiin maallaqa addunyaa IMF immoo waggoota Afur keessatti kan gadhiifamu liqii doolaara biiliyoona 3.4 mallatteessuu isaa ibsaniiru.

Daballii gatii sharafa biyya alaa irrati taasifame hordofee daldaltoota gatii meeshaalee irrati taasisan irratti tarkaanfii fudhadha kan Mootummaan hanga Adooleessa 27 darbeetti qofaa manneen daldalaa 2200 ol saamsuu isaa beeksiiseera. Mootummaan qalaa’insa gatii tasgabbeessuuf tarkaanfiiwwan fudhatu ni deeggarra kan jedhan xinxaaltoonni sagalee Ameerikaaf yaada kennan isaan keessaa ogeessa diinagdee kan ta’a AmaanYihuun Reddaa tarkaanfiin kun rakkicha hin furu jedhee kanarra garuu mootummaan qaawwaa gabaa irratti jiru guutuuf yaalii taasiisuu qaba jedhe.

Mootummaan Imaammata diinagdee haaraa kana hojiirra osoo hin oolchiindura waggoota darbanitti oomisha guddisuu fi dameelee biroo irratti qophii ga’aa taasisaa turuu isaa ibseera. Qormaatilee isaa waliin haaroomsi imaammata diinagdee Itiyoophiyaan taasiifte gaariidha kan jechuun hayyoonni diinagdee falman kan jiranii fi kanneen rakkoo nageenyaa amma biyyattii keessa jiruun Inveestimantiif rakkisadha jechuun yeroon isaa amma ta’uun irra hin turre jechuun falamanis jiru jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu Gabaase.