Haleellaa Al-shabaab Somaaliyaa Handaara Galaanaatti Geggeessee Namoota 37 Galaafate Balaaleffachuun Moqdishootti Hiriirri Geggeessame

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Jimaata darbe galgala akka sa’atii naannoo sanaatti galgala keessaa naanoo sa’atii Afuriin dura Namoota qarqara galaanaatti bashannanaa jiran irratti Alshabaab dhohinsa rawwate hordofee hidhattoonni garichaa lakkoofsaan Shan ta’animmoo namoota bashannaanaa fi Hoteela keessatti irbaata nayaataa jiran irratti dhukaasa banaaniin namoonni 37 yommuu ajjeefaman kanneen 28 ta’animmoo madaa’uu qondaaloota nageenyaa wabeeffachuun maddi oduu mootummaa Somaaliyaa gabaaseera. Ministirri muummee Somaaliyaa Hamzaa Abdii Baarree halleellaa luubbuu namoota 37 galafaate akkasumas kanneen kurnootaan lakka’amaniif madaa’uuf qodaaloonni eegumsa taasiisuu dadhabanii fi kanneen kana waliin hidhata qaban to’annaa jala oolfamaniiru jedhan.

Xixaaltoonni akka jedhanittimmoo mootummaan Somaaliyaa namoota qarqara galaanaatti imalaniif eegumsa ga’aa taasiisuu dadhabuu isaaf qeeqa irratti dhiyyeessaa jiru. Naannichatti Xiinxaltuu nageenyaa kan taate Samiiraa Ga’iid torban darbe Moqaadishoo keessa kan turte Waraanni Alshaabab irratti taasifamuu hangi tokko dhaabbachuu isaatiin Alshaabab Moqaadhishoo keessa seenee halleellaa raawwachuuf qaawwaa baneeraaf jechuun sagalee Ameeriikaatti himteetti. Itti dabaluunis Mootummaan biyyattii tasgabeessaan jira jedhus

Alshaabaab garuu Moqaadishoo irratti haleellaa raawwchuu akka danda’u kan itti agarsiisedha jetteetti. Hooggantoonni biyyoota Afiriikaa bahaa fi kan Addunyaa halleellaa Alshabaabiin raawwatame kana balaalefachuun ibsa baasaaniiru. Pireezidaantiin Jibuutii Isma’eel Omaar Gellee haleellaan namoota Siivilii Somaaliyaarratti raawwatame gareen yakkamtootaa kun abdii kutannaa isaanii agarsiisa jedhan.

Ministirri muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawwaasaa Isaanii “X” irratti barreeffama maxxansaniin halleellaa shororkeessummaa suukkaneessaa kanaan lubbuu namootaa darbanii fi miidhaa irra ga’eef baay’ee gaddeera jedhaniiru. Walitti dhufeenyi Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan erga Itiyoophiyaan walii galtee wal hubannaa hulaa galaanaa ishee fayyadchiisu Somaalii landi waliin mallatteesiteen booda rakkoo keessa kan galeeru gidduu seentummaa Tarkiyyeetiin marsaa lammaffaaf Fulbaana 2, bara 2024 dhufu kanatti dubbachuuf jiru.

Biyyi Tarkiyyee kan biyyoota lamaan akka waliin mari’ataniif gidduu seenteettu karaa Minisitira haajaa alaa ishee ibsa baasteen haleellaa Shororkeessummaa jibbisiisaa jechuun ibsite balaaleffattee Tarkiyyeen yeroo kamiyyuu shororkeessummaa waraanuutiin Somaaliyaa cinaa dhaabbatti jetteetti.

Biyyi Iraan Hariiroo dippiloomaasii Somaaliyaa waliin hin qabnes karaa ministira haajaa alaa ishee ibsa baasteen halleellaa dhaqqabe kana balaaleffachuun Mootummaa Somaaliyaa fi matii miidhamtootaaf jajjabina hawwiteetti. Gabaasni kun kan Harun Maruufi.