Mormii Uummataa Torban Tokkoof Baangilaadish Keessatti Geggeessamee Booda Muummeen Ministaraa Biyyattii Taayitaa Gad-lakkisuun Biyyaa Ba’an

  • VOA

Muumichi Ministiraa Baangilaadish angoo gadhiisuu booda mormitoonni paarilaamaa funduratti yaa'anii gammachuu isaanii oggaa ibsatan, Baangilaadish, Hagayya 5, 2024.

Baangilaadishiti sirni ramaddii mana hojii mootummaa falmisiisaa ta’e akka haqamu gareen barattootaa gaaffii kaasaniin ji’a darbe jalqabeen lakkoofsi namoota du’anii dabaluu kan gabaafame yommuu ta’u Wiixata har’aas mormiin Uummata itti fufee kan jiruu fi Ajaajaan Waraanaa Biyyatti Jeneeraal Weekeer Uz Zeeman ergaa Teleevizhiyoonaan dabarsaaniin Ministirri muummee biyyattii Hasiinaa Sheek biyya gadhiisanii baqachuu isaanii ifoomsanii mootummaan yeroo biyyattii akka hundaa’us ifoomsaniiru.

Maddii Oduu Riyooteersi qulqulleeffachuu hin dandeenye jechuun kan gabaase Ministirri muummee Baagilaadiish xiyyaara Heliikooptara waraanaan obboleettii ishee waliin karaa lixa Beengaalii gara Hindii bahaatti baqatteetti kan jedhuu fi namoonni kaanimmoo bulchiinsa naannoo Kaaba bahaa Hindii Tiriipuraatti baqatteetti kan jedhu odeeffannoon akka isa dhaqqabedha.

Hiriira mormii rogeyyiiwwan barattoota biyyattiiiin ji’a darbe jalqabameen lubbuun namoota 150 darbeera. Hiriira mormii guyyaa tokko dura ture irratti namoonni 100 ajjeefamuu hordofee kanneen Hiriiricha kakaasuun beekaman Wiixata har’aatti guutummaa biyyattiitti hiriira mormii taasisuuf waamicha dhiyyeessaniin Magaalaan guddittii biyyatti Daakaa uummata mormiif ba’een jeeqamuu hordofee Ministirri muummee biyyattii baqachuun kan dhaga’ame.

Viidiiyoon Teleevizhiyoonaan darbe akka agarsiisuutti namoonni Kumaatamootaan lakka’aaman gammachuudhaan dhaadannoo dhageessisaa gara magaalaa guddittii keessa imalaa turan. Kaan isaaniis mallattoo Injifannoo agarsiisaa fi sagalee dhaadannoo agarsiisaa mana jireenyaa Hasinaa isa beekamu sana weeraraniiru.