Bulchiinsa naannoo Amaaraa godina Gondor kibbaa aanaalee Fogeraa fi Liiboo kenkem keessatti kan argamanuu gandaawwan 12 keessaatti bokkaa cimaa roobeen namoottan kumaan lakkaawaman rakkoonni irraa gahef gargaarsii lubbuu baraaruu atattamaan akka isaan barbaachisu haanga’oonni ibsaniiru.
Itti gaafatamaan waajira ittisa balaa fi wabii nyaataa aanaa Liiboo Kamkam obbo Wendiwesen Ari’aya gandaawwan aanicha keessa jiran 13 keesaa Jahaan isaanii waan bishaanii irraa dhangala’eef namootaan, beeladooniifi midhaan Ohiruu irra jiru miidhaan irra gahuu isaa sagalee Amerikaatti himaniiru.
Jiraatonni aanaa Fogeraa sagalee Amerikaatti dubbatan tokko qabeenyii isaanii lola bishaaniitiin fudhatamuu isaa himaniiru.
Godina Gondor kibbaati itti gafatamaa wajjira ittisa balaa tasaa fi wabii nyaata obbo Belaay Asraadee namoottan bishaaniin marsaman baasuudhaa fi gargaarsa qaqqabsiisuudhaaf haalii nageenyaa gufuu ta’uu isaa sagalee Amerikaati himaniiru.
Dhimmaa kana irraatti komishiinii ittisa balaa tasaa fi wabii nyaataa bulchiinsa naannoo Amaaraa irraa deebii argachuuf yaaliin taasifame akka hin mirkoofne Asteer Misagaanaawu gabaasteetti.