Waraanni Israa’eel Kamisa Har’aa Liibaanoon Kibbaa Keessa Bakkoota Hedduutti  Hizboollaatti Xiyyeeffatee Qilleensa Irraan Haleellaa Deemsise

  • VOA

Bakka Israa'el haleellaa itti geggeesitee aaraa mullatu, Libaanoon, Hagayya 7, 2024.

Ejeensiin oduu biyyaaleessaa Libaanoon akka gabaaseetti haleellaan qilleensarraan Israa’eeliin fudhatame tokko magaalaa Du’aarii keessatti mana jireenyaa barbadeesseera jedhee , achi keessati miidhaa namootarraan ga’eeru irratti garuu gabaasa baase hin qabu. Humni waraanaa Israa’eel immoo Kibba Gaazaa gama Raafaatiin akkasumas Kaaba Gaazaa keessatti kan argamu buufata humna waraanaa Hamaasiin barbadeesseera jechuun Kamisa har'’aa ibseera.

Gareen gargaarsaa alawaada waaltaa Addunyyaas Kamisa har’aa ibsa baaseen lammiilee Paaleestiin kan ta’e miseensi isaa kan mana kuusaa keessa hojjetu Gidduu gala Gaazaa keessatti ajjeefameera jedhee , guyyaa sanatti hojirraa kan hin turre Naadii Saalut waa’ee ajjeefamuu isaa bal’inaan kan ibsu barbaadaan jiras jedheera. Tarkaanfiin humna waraanaa fudhatamu akkuma itti fufee jiruutti yommuu jiru kanatti Israa’eel Beeruuti keessatti ajajaa waraanaa Heezboollaah ajjeesuu fi Teehiraan keessatti ajjeechaa hoogganaa siyaasaa garee Hamaas irratti fudhatame hordofee naannicha keessatti waraanni babbal’achuu danda’a kan jedhu sodaa uumee jira.

Heezboollaan Israa’eel irratti tarkaanfii nan fudhadha jedhee dhaaddateera, Israa’eelis gama isheen hoogganaa Hamaas Yaahiyyaa Sinwaar kan bakka Ismaa’eel Anniyyee filatame nan ajjeesa jetteetti. Haleellaa Onkoloolessa 7 gareen Hamaas Israa’eel irratti fudhateen lammiileen ishee 1200 jalaa ajjeefamuu fi kanneen 250 ta’animmoo ukkaamfamanii fudhatamuu hordofee Hamaasiin balleessuuf kan dhaaddhate yommuu ta’u , akka Ibsa ministira fayyaa Gaazaa isa Hamaasiin hooganamuutti lammiileen Paaleestiin Gaazaa keessatti 40,000 halleellaa Israa’eeliin ajjeefamaniiru, baay’een isaanii daa’immanii fi dubartoota.