Godinaalee Wallaggaa Bakawwan Walitti-bu’insi Jiru Keessatti  Hanqinni Dawaa Tatamsa’ina  Dhibee Busaa Daran Hammeessuun Himame 

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoo Oromiyaatti godinaalee rakkoon nageenyaa jiran keessumaayyuu godinaalee akka Wallaggaa Lixaa,Qeellamii fi Wallagga Bahaatti tatamsa’inni dhibee busaa daran dabalaa dhufeera jedhan jiraattonni sagalee Ameerikaaf himan. Qorichi dhibee busaaf mootummaan raabsaa jiru magaalaa aanaa fi godina irraa gara gandoota bakka hawaasa dhibee kanaaf saaxilaman bira gahaa hin jiru,hawaasni dhibee kanaaf saaxilame immoo sababa rakkoo nageenyaatin gara magaalaa fi aanaa deemuu hin dandeenye jedhan.

Aanoota waraanni mootummaa fi WBO keessa socho’an keessaa hawaasni sodaa nageenyaaf manaa bahuu hin danda’u,Dhaabbileen fayyaa hedduunis kan barbadaa’anii turan ijaaraman hojiitti hin galle jechuun jiraattonni kunneen haala naannoo isaanii jiru ibsaniiru. Daarektarri olanaan tajaajila raabsaa qoricha Itoophiyaa Dr.Abdulqaadir Galgaloo bakkeewwan rakkoon nageenyaa jiruttii ji’oota sadin asitti garee deebii hatattamaa ijaaruun hojiin raabsaa qoricha akka raawwatamaa jiru ibsaniiru. Tsahaay Daamxoo dabalata qabdi.