Getaachoo Raddaa Akka Yaa'ii Adda Bilisummaa Uummata Tigiraayitti Hin Hirmaanne  Beeksisan 

  • VOA

FAAYILII - Prezidaantii Bulchiisa Yeroofii Naannoo Tigiraay Getaachoo Raddaa marii araaraa irratti yeroo hirmaatanitti, Nayiroobii, Sadaasa 12, 2022.

Prezidaantiin bulchiinsa yeroo kan naannoo Tigraai fi itti anaa dura taa’aa ABUT kan ta’an obbo Geetacheewu Raddaa Yaa’ii waligalaa paatichaa taasifamuuf karoorfame irratti akka hin hirmaanne beeksisaniiru.

Obbo Geetaachoon dhimmaa kana irratti xalaayaa barreesan, dura taa’aa ABUT Dr. Debretsion Gebremikaa’elii fi dura taa’aa komishiinii Too’annoo partichaa obbo Tekilebirhaan Ar’ayaatiif dhiheesuun isaanii ibsameera. Xalayaan obbo Geetaacheewu akka isaan qaqabesi obbo Tekleberhaan Ar’ayaa sagalee Amerikaatif ibsanii jiru.

Obbo Geetaacheewu Radda xalayaa isaanii kana keessatti, yaa’ii waligalaa dhaabatichaa irratti ittu Koreen giddu galaa irrtti maryaatee murtoo hin dabarsin walgahii waamameedha jedhanii , ABUT deebi’ee akka boordii filannooti seeraan galmaa’uu gaafiin dhihaates ittu Koreen giddu galaa irratti hin malateesin waan fedhii namoota muraasaatiin qofa waan ta’eef galmee fudhatama hin qabne akka ta’e eeraniiru.

Dhimichii adeemsa waan seeraan alla waan ta’eef dhuma irratti dhaabatichaa fi ummata naannichaa gaaga’amaaf saaxiluu akka danda’u xalayaan obbo Geetacheewu Raddaa ibsee jira. Dhimma kana irratti sagaleen Amerikaa kan gaafatee miseensii koree giddugalaa ABUT obbo Tekilaay Gebremedihiin imaamatin hoggaansa ABUT rakkinaa keessa seenuu isaa ibsanii, rakkinicha hiikuudhaaf walgahiin waligalaa barbaachisaa akka ta’eefi isaanis dhuunfaadhaan akka hirmatanu himaniiru.

Karaa biiraatiin umnoottan nageenyaa naannoo Tigraay keessa jiran ibsaa baasaniin waldhabdee naanichaa keessatti mulachaa jiru ilaalchisee garee kamiifuu ittu hin loogin nageenyaa naannichaa kabachiisuuf akka dhaabataan ibsuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabasee jira. Kun ittuu Kanaan jiru, Ergaa obbo Geetacheewu Radda Xalayaa kana bareesaanii booda, ABUT deebisanii akka Paartii Seera qabeesaa ta’eetti galmeesuudhaaf gaafii dhihaatef kan ilaalaa turee boordiin filannoo Biyaalesaa Ityoophiyaa guyya har’aa Hagayyaa 3 bara 2016 ibsa kenneen Lakkoofsaa labsii 1332/ 2016 jalatti ABUT haaldureewan adda addaa wajjin, akka seeraan galamaa’u murteesuu isaa ifa taasisuun isaa beekameera.

ABUT akka paartiitti galama’uudhaaf xalayaa Adoolessaa 19 bara 2016 dhiheeseen gaafachuu isaa kan ibsee Boordiin Filannoo Biyyaalesaa Ityoophiyaa, akkaataa paartii miishaa hidhatee mootummaa irratti waraana labsee deebisanii galmeesuu irratti seerrii kanaa dura bahe hin jirreef gaaffii dhaabatichaa fudhachuun akka rakkisaa ta’e ibsee, haa ta’u malee dhaabatichii lola dhaabee gara qabsoo nagaatti deebi’uun isaa waan ministeeraa haqaatiin mirkana’eef haal duree adda addaa kaa’uudhaan ABUT akka galmaa’u eeyyamuu isaa beeksiseera.

Agayyaa 3 bara 2016 haalaa addaa jalatti seeraan kan galmaa’ee ABUT ji’oottan jaha dhufan keessatti akka yaa’ii isaa taasisu, akka dambii bulmaataa raggaasisu, akka hoggantootaa isaa filatu fi yaa’ii isaa taasisuudhaan dura guyyootta 21 dursee akka boordii filannootti beeksisuu qabu murtoo kana keessatti eerameera. Ergaa yaa’ii biyyaalessaa taasisee hogansa isaa filatee boodas wagga tokkoofi walakkaadhaaf sochii isaa irratti akka hordofiin addaa taasifamu Boordii Filannoo Biyyaalesaa murteesuun isaa beekameera.