Poolisoonni Taanzaaniyaa Hiriira Wixata Har’aatti Karoorsame Dursanii Hoogganoota Mormitootaa fi Deggertoota Isaanii Hidhan

  • VOA

FAAYILII - Hoganaa paartii mormituu Taanzaaniyaa, Friimaan Imbawee, Adoolessa 21, 2021.

Taanzaaniyaatti hiriira mormii Wiixata har’aa taasifamuuf ture dursuun Poolisiin biyyattii Dilbata kaleessaa hooggantoota paartii siyaasaa mormituu fi deeggartoota isaanii to’annaa jala oolcheera.

Poolisiin Taanzaaniyaa Dilbata kaleessaa akka beeksiisetti hiriirri paartii mormitootaan waamame hiriira jeequmsaa waan ta’eef dhorkameera jedhe. Dorkii kana hordofees hoogganaa paartii siyaasaa mormituu Chademaa Firii maan Mabowee fi itti aanaa isaa Tunduu Lisuu to’annaa jala oolcheera. Akkasumas dargaggoonni deeggartoota isaanii ta’an lakkoofsaan hanga 500 ta’an poolisiin to’annaa jala oolfmaniiru. Dhaaboliin mirgaaf falman wiixata har’aa tarkaanfii kana balaaleffataniiru. Taanzaaniyaatti bara 2021 pireezidaantin biyyattii bulchaa ture Joohan Magufuli du’uu hordofee bakka isaa kan buufame Suluhuu Hasaan bara 2023 tti paartileen siyaasaa mormituu walitti qabamuu fi namoota bakka tokko waamuu dhorkaa irra kaa’ee kan ture yommuu ta’u dhaabbilee mirgaaf falmaniin qeeqni irratti dhiyyachaa jira. Dhaabbata Hiyuumaan Raayitis Woochitti qorataa kan Oryeem Nayeekoo Ajaansi Firaansi Pireesitti akka himetti akkuma yeroo Magufuli Pireezidaantii Taanzaniyaa tureetti miseensonni dhaabolii siyaasaa mormitootaa to’annaa jala oolfmaa jiru jedheera. Filannoo miseensota paarlaamaa fi pireezidaantii bara dhufu Taanzaaniyaatti gaaggeeffama jedhamee eegamuuf

biyyattiin haalota kanaan dura keessa turtetti dudduubatti deebi’uu hin qabdus jechuun himeera.

Taanzaaniyaatti gamtaan dhaabolii mirgaaf falmaanii kan dhaabolii mirgaa 250 Ol of jalatti qabu ibsa baaseen kanneen to’annaa jala oolfamaniiran haal duree tokko malee gadhiifamuu qabu jedheera.