Olompikii Paaris Baranaarratti Atileetonni Itiyoophiyaa Waa’ee Mudannoo Isaanii Maal Jedhu?

Your browser doesn’t support HTML5

Olompikii Paaris irratti Itoophiyaan meedaaliyaa warqee tokkoo fi meetii sadii argatteetti. Gabaasaan keenya Eebbissaa Naggassaa meedaaliyaa warqee kan argate Atileet Taammiraat Tolaa, meedaaliyaa meetii kan argatte Atleet Tigist Assefa, fi Leenjisaa Hajii Adiloo waliin gaaffii fi deebii taasiseera. Dabalataanis Eebbissaan Atileet Lamecha Girmaa figicha waliin meetira 3000 guffachisaa irratti kufe erga midhaa irraa gaheen booda gaaffii fi deebii taasiseera. Lamechaan amma fayyaa gaarii irra akka jiru VOAf kan beeksise yoo ta'u, deeggartoonni yeroo qormaataa isaatti deeggarsa naaf godhaniif galata guddaan qaban jedheera.