Angawoonni Itiyoopiyaa fi Somaaliyaa wal-dhibdee dippilomaasii erga jalqaba bara kanaa qabee biyyoota lamaan jidduutti hammaatee ture xumuruuf yaalii taasisaa jiraniin, Ankaraa keessatti marii al-Kallattii geggeessaa jiru. Maddeen dippilomaasii VOA sagantaa gaanfa Afriikaaf akka himanitti, jilli biyyoota kanaa kallattii dhaan wal arguun hin mari’Anne. Bakka isaa Turkiyeen gam lamaan jaarsummaan gidduu seentee jirti. Dhimma ijoon irratti mari’atamuu qabu, walii galtee wal hubannoo Itiyoopiyaan Somaaliilaand waliin Amajjii tokko kan Itiyoopiyaan buufata galanaaf daandii argachuuf gaafatte jedhamee eegama. Marii sana dura prezidaantiin Turkii Rejeb Xayyiib Erdowaan hoogganoota Somaaliyaa Hassan Sheek Mohaammud fi kan Itiyoopiyaa Abiy Ahimed geggeessaniin araarri akka uumamu gaafataniiru.