Tiyaatirri yookiin Do’iin Afaan Oromoo ‘Walaabuu’ Sanbata darbe Galma Tiyaatira Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti eebbifamee agarsiisaaf dhiyaatee jira. Dargaggoo Oliyaad Taajuree; Hoji - gaggeessaan Garee Kuush Art VOA’f Tiyaatirri Walaabuu kan Seenaa Oromoorratti xiyyeeffatee ta’uu, himee jira. Oliyaad Do’iin idilee kan Afaan Oromoo waggoota dheeraa booda yeroo duraatiif Galma Tiyaatira Biyyaalessaatti deebi’es jedhee jira. Hirmaattonni fi hordoftoonni akkasumas ogeeyyiin Aartii ammoo akka agarsiisni do’ii Afaan Oromoo kun itti fufu gaafatuu; Galmoo Daawit qophicha hordofee waan qindeesse qaba.
Walaabu: Do’iin Afaan Oromoo Sanbata Dabre Galma Tiyaatira Biyyqaalessaa Itiyoophiyaatti Dawwattootaaf Dhihaate
Your browser doesn’t support HTML5