Naannoo Amaaraa keessatti hojjetaan dhaaba gargaarsaa tokko ajjeefamuu gareeleen gargaarsaa beeksisan. Waajjirri dhimmootii qindeessa gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa kan damee Itiyoopiyaa ibsa baaseen akka beeksisetti Yaareed Mellesee dhaaba gargaarsaa kunuunsa naannoo fi misooma hawaasummaa /ASDEPO/ jedhamuuf kan hojjetaa ture ukkaamsamee butamuun beenyaan gaafatame booda irra yakkamtoota hidhatan kan eenyummaan isaanii hin beekamnee fi aanaa aanaa Daawunt godina Walloo Kaabaa naannoo Amaaraa keessa sosso’aniin ajjeefame.
Ibsi sun yoom akka inni ukkaamsamee butameef ajjeechaan sun eessatti akka raawwatame hin ibsine. Mellesen ogeessa sirna nyaata madaalawaa ture.
“Utuu uummata gargaaruuf hojii irra jiruu beenyaaf ukkaamsamee butamuu fi booda irra ajjeefamuu waahila keenya obbo Yaareed Mellesee cimsinee balaaleffanna” jechuu dhaan qindeessaan dhimmootii mirga namoomaa Tokkummaa Mootummootaa kan damee Itiyoopiyaa Dr. Ramiiz Alkabaroov ibsa ba’e dubbisaan dhageessisaniiru.
Yaareed nama cimaa fi hojjetaa gargaarsa namoomaa cichaan hojjetuu fi haala akkaan rakkisaa ta’e keessatti siivilota gargaaruuf nama qophaa’aa ture. Haleellaan, doorsisi, saamicha bifa kamii iyyuu kan dambii fi naamusa hojii keenyaa cabsu kan fudhatama hin qabnee dha jechuu dhaan Alkaabaroov itti dabaluun dubbataniiru. Melleseen hojjetaa gargaarsaa bara 2024 Itiyoopiyaa keessati ajjeefaman isa saddeettaffaa yoo ta’u, ja’an isaanii naannoo Amaaraa keessatti. Yoo xiqqaate taateewwan 14 kan hojjettoota gargaarsaa beenyaaf jecha ukkaamsamanii butamanii gabaasamuu ibsichi beeksiseera.
Gareen hawaasa siivilii naannoo, manni maree dhaabbata hawaasa sivilii Itiyoopiyaa/ ECSOC/ ibsa Roobii har’aa baaseen akka jedhetti, naannolee Amaaraa, Oromiyaa fi naannolee ka biroo keessatti haleellaan hojjettoota gargaarsaa irratti fuuleffate hammaachuu isaa beeksise. Mootummaa federaalaa Itiyoopiyaa fi angawoota naannoo Amaaraa biraa deebiin hatattamaa kenname hin jiru. Haalli ukkaamsamee butamuu fi ajjeesamuu Melles ilaalchisee jiru hanga yoonaa ifaa miti, VOA tajaajilli gaanfa Afriikaa illee gabaasaalee kana dhuunfaan hin mirkaneessine.