Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Gambeellaa Pireezidaantii Naanichaa fi Itti Aanaa Haaraa Muude

  • VOA

Bulchitoota naannoo Gambeellaa haaraa filaman.

Manni maree bulchiinsa mootummaa naannoo Gambeellaa yaa’ii ariifachiisaa har’a taa’een Pireezidaantii naannichaa fi itti aanaa haaraa muudeera

Aadde Alemituu Umood Pireezidaantii , akkasumas Doktor Gaalwaak Roon immoo itti aanaa Pireezidaantii taasisuun muudeera.

Yaa’ii mana maree naannichaa ariifachiisaa waamameen aangoo isaanii kan lakkisan pireezidaantiin Gaambeellaa duranii Obbo Umood Ujuluu fi itti aanaan isaanii Obbo Teenkuweey Jook sababa maaliin akka aangoo isaanii gadhiisan Sagaleen Ameerikaa qulqulleeffachuu hin dandeenye. Biiroon Komuunikeeshinii naannichaammoo ibsa baaseen sababni jijjiiraan hooggansaa barbaachiseef naannicha keessatti gama misoomaa fi nageenyaan hojiiwwan bal’aan hojjetamanis kallattiiwwan kaa’amaniin hanqinoonni hangi tokko jiraachuu fi pireezidaantiin duraanii ergama paartii gara biraaf barbaadamuu isaanii hordofeeti jedheera.

Amma Pireezidaantii naannichaa ta’uun kan muudaman aadde Alemituu Umood mootummaa federalaatti de’eetaa ministira dubartootaa fi dhimma hawwaasummaa turan yaada sagalee Ameerikaaf bilbilaan kennaniin Naannoo Gambeellaa keessatti Rakkoon nageenyaa misoomaaf gufuu ta’uu isaa ibsanii hojii isaanii keessattis dhimmi nageenyaa dursa kan kennaniif ta’uu himaniiru.

Naannicha keessatti waggoota lamaan asitti jeequmsoonni walitti bu’insa sabaa , shoroorkeessummaa , yakkoota ciccimoo fi daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa dabalaa dhufuu kan ibsera mootummaan naannichaa.

Yuunivarsiitii Gambeellaatti barsiisaa kan ta’an Doktor Deeviid Ruuwaach naannicha keessatti rakkoon gudaan dhabamuu nageenyaati jedhanii pireezidaantiin amma haaraa muudamanis gama kanaan jijjiirama fidu jedhanii akka abdatan sagalee Ameerikaatti himanii, qormaatallee akka itti ta’anis ibsaniiru.

Jiraataa magaalaa Gaambeellaa kan ta’an Obbo Uumood Giiloo immoo yaada sagalee Ameerikaaf kennanii Naannicha keessatti walitti dhufeenyi sabootaa dadhabeera, wal amantaan dhabameera, pireezidaaantiin haaraan kunis tokkummaa duraan ture deebisuu qabu jedhaniiru. Jechuun Finfinnee irraa Gebire Mikaa’eel Gebire Medihiinitu gaabase.