UNESCO: Taalibaan Ta’e Jedhee Afgaanistaan Keessatti Shamarran Miiliyoona 1.4 Mana Barumsaa irraa Dhorkeera

  • VOA

FAAYILII- Shamarraan Afigaanistan barumsa irra jiran, Hagayya 11, 2022.

Gabaasa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Ejeensiin Barnootaa, saayinsii, aadaa, Koomunikeeshinii fi odeeffannoo, “UNESCON’n Kamisa har’aa baaseen Afgaanistaan keessatti Taalibaan ta’e jedhee shamarraan miiliyoona 1.4 mana barumsaa irraa dhorkeera jedhe. Lakkoofsi kunis ji’a Eebilaa bara 2023 irraa kaasee 300,000’n dabaleera. Addunyaarratti biyyi shamarran mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi manneen barnootaa sadarkaa ol aanoo kanneen akka Koolleejii fi Yuunivarsiitii hin seenne dhorkitu Afgaanistaan qofaadhas jedhera UNESCO’n . Bara 2021 tti aango kan qabate Taalibaan Shamarran barnoota kutaa 6ffaa ol akka hin dabarre dhorka , Sababiin isaas hiikkaa seera Islaamaa ykn Shari’aa hin eegan jechuun.

Akka Gabaasa UNESCO kanattai shamarran dhorkaan kun osoo hin jalqabiin mana barumsaan ala turan yoo itti daballe Dhiibbeentaa saddeetama kan ta’an shamarraan gara Miiliyoona 2.5 biyyatii keessatti manneen barnootaarraa dhorkamaniiru. Taalibaan dhimma kanarratti deebiin inni kenneeru hin jiru. Haa ta’u malee akka gabaasa UNESCO tti erga bara 2021 Taalibaan Aangoo qabatee kaasee warra dhiiraa dabalatee barattoonni manneen barumsaa hordofaa jiran miiliyoona 1.1 akka ta’anidha.Afgaanistaanitti Bara 2022 tti barattoonni miiliyoona 5.7 manneen barumsaa keessa turan kan jedhe UNESCO’n bara 2019 tti immoo miiliyoona 6.8 turan jedhee Angawoonni Afgaanistaan guddina barnootaa waggoota kurna lamaaf biyyattii keessa ture balleessuutti dhiyyaataniiru jechuun akeekkachiiseera UNESCO’n