Paarlaamaan Taayilaand Jimaata har’aa Muummitti ministiraa taasiisuun kan filate Pa’eetoontaraan duudhaa hooggansa abbaa ishee isa siyaasa Taayilaand keessatti hedduu beekamuu , garuummoo adda qoqqoduunis beekamu kan Taksiin Shinawatra itti fufsiiti jedhameera. Abbaan Ishee muummichi ministiraa duraanii Taayilaand Taaksiin bara 2006 tti folqolcha mootummaa humni waraanaa gaggeesseen aangoo irraa kan kaafamaniiran waggoota Kurnootaaf biyyaattii keessatti siyaasaa wal qoqqoodinsaa gadi fagoo uumee tureera.
Pa’eetoontaraan walii galtee abbaan ishee diinota isaa warra Konservaativii durii waliin taasiseen fayyadamtuu ta’uun paartii ishee isaTayi jedhamuun beekamu sana fayyadamuun Paartii tarkaanfataadha jedhamu kan filannoo bara darbe tokkoffaa irratti xumure gara cinaatti dhiibdeetti.
Pa’eetoontaraan maatii Shinawatraa keessaa ishee sdaffa gara aangoo hooggansa biyyattiitti dhuftedhas jedhameera. Filannoo Paarlaamaan taasisee irratti muummiti ministiraa ta’uun kan filatamte Pa’eetoontaraan deeggarsa 319 , mormii sagalee 145 fi kanneen sagalee hin kennine 27’n paartii Taayii irraa muummittii ministiraa Taayilaand ta’uun filatamteetti. Amma ministira muummee Taayilaand ta’uun kan filatame Filatamtuu miseensa seera tumtootaa kan hin turree fi ministira muummee ta’uufis sun ishee hin barbaachisus jedhameera.
Pa’eetontaraan gaggeessituu Biizinasii kan turte erga filatamteen booda yaada oduu gabastootaaf kenniteen baay’ee itti booneera, gammadeeras jettetti. Biyyittiin gara fuula duraatti akka tarkaanfattuufis waan naaf danda’ame hundaas nan taasisa jetteetti. Muummittiin ministiraa haaraan kan filatamte Ministirri muummee biyyattii aangoo irra ture aangoo erga qabatee waggaa tokko kan hin guunne Sertaa Taavisiin kaabinoota malaanmaltummaan shakkamanii amma mana hidhaa jiran muuduu isaatiin Roobii kaleessaa aangoo irraa kaafamuu hordofeeti.