Naannoo Oromiyaa Godina Arsii bahaa aanaa Asakoo keessatti Kibxata darbe halleellaa Hidhattoonni bananiin namoonni nagaa Sadii ajjeefamuu namoonni ijaan argine jedhan sagalee Ameerikaatti himaniiru. Waara ajjeefamaniin alattis namoonni sadii madaa’uu fi qabeenyaa irraatti miidhaan dhaqqabuu akkasumas saamichi taasifamuus dubbataniiru. Namoonni miidhaan nurra ga’eera jedhan kun halleellaa kana hidhattoota “shanee” tu nurratti raawwate jedhanii sababa kanaanis namoonni abbaa warraa haga 400 qe’ee isaanii gadhiisanii baqataniiru.
Halleellaa Godina Arsii aanaa Asekoo ganda Xiyyootti gaafa Hagayya 7 bara 2016 hidhattootaan raawwatamee jedhame kana hidhattoota warra kam akka ta’e Sagaleen Ameerikaa waan adda baafateeru hin qabu. Kan namoonni miidhaan kun nurra ga’eera jedhanii himatan waraana shaneetu nurratti raawwate jedhaniif waraana bilisummaa Oromoo irraa deebii argachuuf yaaliin taasifne nuuf hin milkoofne.
Erga halleellaan kun raawwatameen booda humni poolisii Oromiyaa naannicha seensiifamuu namoonni sagaleen ameerikaa dubbiseeru himaniiru. Haleellaa hidhatootaan jiraattoota irratti raawwatame jedhame kana qulqulleeffachuun hoogganaa Komuunikeeshinii naannoo Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa bilbila harkaa isaanii irratti bilbillaan hin kaasan jechuun Finfinnee Irraa Keneedii Abaateetu gabaase.