Walii Galteen Dhukaasa Dhaabuu Gaazaa Rakkoo Jiruutti Xumuura Kan Tolchu Ta’uu Mala Jedhan Biliinken

  • VOA

Ministira Haajaa Alaa Yunaaytid Isteets, Antonii Bliinken ibsa yeroo kennan, Teel Aviiv, Israa'el, Hagayya 19, 2024.

Walii galteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa kan yeroo dhiyootti taasifame, namoota booji’aman akka deebi’anii fi lola Hamaas fi Israa’el gidduu jiru xumuruuf carraa isa dhumaa ta’uu danda’a jechuun Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Bilinken ibsanii jiru.

“Yeroon kun yeroo murteessaa dha, tarii carraa hunda irra gaarii, namoota booji’amtoota gara manaatti deebissuuf, dhukaasa dhaabuu fi namnii hundi nagaa fi nageenya bara baraa akka argatuu gochuuf karaa fooyya’aa, carraa isa dhumaa ta’uu mala, jedhan Bilinken wiixata har’aa Israa’el keessatti.

Blinken har’a prezidaantii Israa’el Isaac Herzog waliin kan wal argan yoo ta’u, har’a gara booda Mummicha Ministeeraa Israa’el Beenjamin Netaaniyaahuu fi Ministira Ittisaa ka biyyatti Yoav Gallant waliin wal arguuf sagantaa qabatanii jiran. Erga diinummaan kun Onkoloolessa 7 eegalee as, Bilinken imalli gamasitti taasiisan inni ammaa kun isa 9ffaadha. Marsitoonni jechuun Ameerikaa, Masrii fi Qaxaar torban darbe Dohaa, Qaxaar keessatti walga’anii waliigaltee isa haaraa kana qopheessan yoo ta’u, mariin dhuma turban kanaa Kaayiroo keessatti eegalama jedhamee eegama.

Jeequmsi itti fufee kan jiru yoo ta’u, Dilbata kaleessaa Bilinken Israa’el erga ga’anii yeroo muraasa booda boombiin naannoo mana sagadaa Tel Aviv keessatti dho’ee nama haleellaa kana geesisee, ajjeesee nama karaa irra darbu tokko madeesse jedha poolisiin Israa’el. Wiixata har’a poolisiin boombii kana haleellaa shororkeessummaa ti jechuun ibseera.

Kana malees wiixata har’aa Israa’el Khan Younis kaabaa irraa tarkaanfii fudhattu itti fuftee halkan tokkotti naannoo magaalaa Gaazaa boombiin rukutuu ishee cimsitee akka turte tajaajilli oduu Rooyitars gabaaseera.

Ministeerri fayyaa Lebanan haleellaa Israa’el Lebaana kibbaa keessatti geggeessite lubbuu namoota lama kan galaafatte ta’u ibsee, Tajaajilli Oduu Biyyaalessaa kan Lebaanan, naannoo hedduutti haleellaa Israa’el raawwatte gabaaseera. Hizbollaah akka labseetti, bakka waraanaa Israa’el jiru lama – mooraa waraanaa naannoo daangaa fi buufata naannoo magaalaa handaara galaanaa Akeritti argamu irratti “diroonii dhukaatoota fe’een” “haleellaa qilleensaa wal duukaa” banuu isaa beeksiseera.